Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Istteetes fi Kubaan Mariif Ta’an


Yunaaytid Isteetes fi Kubaan walgahii marsaa 6ffaa kibxata kaleessaa kan gaggeessan yoo ta’u erga Traamp aangoo qabatanii as garu isa jalqabaa ta’u isaati.

Traamp kora tokkummaa mootummotaa irratti hasawaa dhageesisaniin mootummaan Kubaa malaamaltummaan kan guutamee fi jeeqamsa kan uumuu jechuun eega dubbatanii booda sa’atilee hanga tokko booda walgahiin kun gaggeeffame.

Kubaanis gama isheen haasaan Traamp kabajaa fi fudhatama kan hin qabnee akkasumas dhimma isa hin ilaallee keessa kan itti seenee jechuun Embaasiin ishee waashingtan keessa jiru irraa ibsa baaste.

Diploomaatonni biyyoota lameenii hojjattoota Embaasii Amerikaa kanneen Havaanaa kubaa keessaa dhukkubsachuun isaanii irratti mari’atan.Nageenyii fi fayyaan isaanii kan ishee yaaddeessu ta’u Amerikaan irra deebitee ibsitee jirti.

Ministriin dantaa alaa Amerikaa walgahii kana booda ibsa baaseen Maddii dhukkuba kanaa maal akka ta’e akka ibsamu akksumas kun ammaan booda dhabachuu akka qabu hubachisee jira.

XS
SM
MD
LG