Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteetes Kanneen Maaynamaar Keessaa Dheessanif Gargaarsa Laatte


Musleemoota Rohingya kanneen biyya Maaynamaar keessaa dheessaa jiraniif gargaarsa dhala namaa dhaqqabsisuuf kan oolu doolaara miliyoona 32tti shalagamuu yunaaytid states kan gumaachitu ta’u ministriin dantaa alaa Amerikaa beeksisee jira.

Bulchiinsii Traamp haala Maaynamaar keessatti dhaqqabeef gargaarsa guddaa akkasii yeroo kennu ka duraa yoo ta’u nyaata, bishaanii, meeshaalee baka dahannaa kan yeroo hatattamaa ijaaruuf oolan akkasumas gargaarsa kanneen biroo akka qabu ibsamee jira.

Baatii darbee keessa musleemoota Rohingya kuma 400 caalaatu biyyatti gadhisee dheesse.Kunis dhiittaa mirga namoomaa fi loogiin eega irratti gaggeeffamee booda.

Hidhattonni Rohingya baatii Hagayya darbee gara dhumaa humnootii nageenyaa kan biyyatti haleelanii turan. Ergasii jedhu xiinxaltoonnii fi kanneen kabajamuu mirga dhala namaa irratti qabsa’an waraanni maaynamaar tarkaanfii gara jabinaa irratti fudhateen gandeen jaraa gubee ijoollee fi dubartoota dheessaa turan ajjesse jedhu.

XS
SM
MD
LG