Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uggurri Imalaa Haaraan Mallattessamee Jira


Uggura imalaa haarawa kaleessa Prezidaantii Yunaayitid Isteetsin mallatteessameen, biyyoota haga tokko irraa akka imaltoonni gara Yunaayitid Isteets hin seenne kan dhorku ta’uun beekamee jira. Uggurri jalqaba ka’amee Dilbata kaleessaa yeroo hojii irra itti oolaa ture baatii sadii ykn guyyoota 90 xumurate.

Uggurri haaressamee ba’e kun Onkoloolessa 18 bara 2017 kan hojii irra oolfamu yoo tahu, lammiwwan biyyoota saddeetii jechuun kan Chaad Iraan Liibiyaa Kooriyaa Kaabaa Somaaliyaa Siiriyaa Venezuelaa fi Yemen akka Yunaayitid Isteetsiin hin seenne dhorka.

Biyyoota duraan uggurri kun isaan ilaallataa ture keessaa Sudaan amma baafamtee jirti.Uggura imalaa haarawa kaleessa Prezidaantii Yunaayitid Isteetsin mallatteessameen biyyoota haga tokko irraa akka imaltoonni gara Yunaayitid Isteets hin seenne kan dhorku ta’uun beekamee jira.

Uggurri Imalaa Haaraan Mallattesamee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:01 0:00

XS
SM
MD
LG