Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaa Gadaa: Humni Qawwee Hidhate Malkaa Irreechaatti Argamuu  Hin Qabu


Faayilii - Ayyaana Irreechaa bara darbee irratti namoonnii gaazii nama imimaanessu itti firfiramee jalaa oggaa dheeffan, Bishooftuu, Oromiyaa
Faayilii - Ayyaana Irreechaa bara darbee irratti namoonnii gaazii nama imimaanessu itti firfiramee jalaa oggaa dheeffan, Bishooftuu, Oromiyaa

Ayyaana Irreechaa Onkoloolessa 1, bara 2017 magaalaa Bishooftuu, Hora Arsadii irratti ayyaaneffamuuf jiru irratti humnoonni hidhatan akka hin argamnee fi deemsi ayyaanichaa akka sirna Gadaatti, dargaggaoota “Foollee” jedhamaniin kan to’atamu ta’uu gamtaan Abboota Gadaa fi Mootummaan naannoo Oromiyaa walii-galuu isaanii itti-gaafatamtoonni gam-lameenii Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Itti-gaafatamtuun Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa, Aadde Loomii Badhoo akka jedhanitti, sirni Irreechaa sirna aadaa dur irraa qabee Oromoon nagaadhaan ayyaaneffataa ture waan taheef akkuma sirna durii sanatti akka geggeeffamu, dhimmoonni siyaasaa akka achitti hin dhihaanne, barruulee fi dhaadannooleen sana calaqqisan akka achitti hin facaasamne, qaamni mootummaa hidhates akka achitti hin argamne walii-galamuu dubbatu.
Garuu, nageenya uummata ayyaaneffanaaf yaa’uu eeguuf jecha humni poolisii Oromiyaa, humni naga-eegumsaa Shawaa Bahaa fi Magaalaa Bishooftuu abboota Gadaa wajjiin walii-galuudhaan akka fageenyatti sakattaa geggeessuu fi fageenyatti eegu abboota Gadaa waliin mari’ataa jirra, jedhan – Aadde Loomiin. “Kaayyoo biraa yokaan uummata gara jeeqamaatti geessuuf yoo tahe malee humna hidhate Malkaa Irreessaatti bobbaasuun waan barbaachisus, waan fudhatama qabu miti” kan jedhan – Abbaan Gadaa Maccaa – Obbo Taakkalaa Dhinsaa, akkuma Aadde Loomiin jedhan, akka humni hidhate naannoo sanatti hin argamnee fi deemsi jiru Foolleen to’aamu walii-galuu isaanii dubbatu. Haala itti humni poolisii Oromiyaa fageenya irraa eeguu fi fageenya hagamii irraa akka eegu murteessuuf mootummaa naannoo Oromiyaa fi abboota Gadaa gidduutti kan mariin geggeessamaa jiru ta’uu hubachiisan – Abbaa Gadaa Taakkalaan.

Paartiin mormituu, Kongiresiin Federaalawa Oromoos, ejjennoo isaa har’a beeksiseen, motummaa federaalaa irraas tahe mootummaa naannoo Oromiyaa irraa humni hidhate achitti argamuu akka hin qabne hubachiisee jira.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa

Abbaa Gadaa: Humni Qawwee Hidhate Malkaa Irreechaatti Argamuu  Hin Qabu
please wait

No media source currently available

0:00 0:23:10 0:00

XS
SM
MD
LG