Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaa Amerikaa : Taalibaan Afgaanistaan Keessaaf Tooftaa Haaraa Qabna


Lootee seentoota Taalibaan kan Afgaanistaan keessaa waliin wal dura dhaabannaa uumamee cabsuuf Yunaaytid Isteetes tooftaa haaraa kan gargaaramtu ta’u ministriin ittisaa kan Yunaaytid Isteetes Jim Maadas ibsanii jiru.

Maadas kana kandubbatan har’a Kaabuuliin yeroo daw’ataniitti ture.Afgaanistaaniin diina gara jabeessa aangootti ol ba’uuf ajjechaa gaggeessutti hin laannu jedhan.

Maadas erga Kaabuul senanii sa’atilee hanga tokko booda haleellaa Rokeetaa dirree xayyaraa kaabul irratti gaggeeffame namoota 5 madeesse.

Talibaan haleellaa kanaaf itti gaafatama fudhatee jira.Haleellaan kun xayyaara Maadas irratti kan qiyyaafate ture jedhe.Gareen Islaamik Isteetes anatuu haleellaa kana gaggeesse jedhee jira.

Garu Maadas yeroo sana naannoo dirree xayyaaraa hin turre.

XS
SM
MD
LG