Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maalaawwiin Foyyee Agarsisaa Jirti jedhame


Maalaawwii waggoota dheeraaf caama, lolaa bishaanii, hanqiina oomisha fi Bajataa rakkataa eega turtee booda amma bayyanataa akka jirtu prezidaantiin biyyatti VoAf ibsanii jiru.Prezidaant Pitar Mutarikaa VOAf akka ibsanti dinagdeen biyyatti harka shaniin kan guddatee yoo ta’u kun isa bara darbeeture irra dacha kan dabalee ta’uus qaala’uun jireenyaa hammaataa jira.

Maalaawwiin addunyaa irratti biyyaa hiyyeetti akkuma taateetti jirti.Jaarmayaan maallaqa addunyaa akka jedhutti uummata ishee keessaa walakkaan jireenya hiyyumaa keessa kan jiran yoo ta’u kanneen keessaa nuusa ka ta’an hiyyuma hamaa keessa jiru.

Jalqaba bara 2015tti lolaa bishaanii hamaan kan miidhamte yoo ta’u sana booda immoo waggaa lamaaf caamaan dhaahamte.Kanaaf uummata biyyatti keessaa walakkaan hanqiina nyaataan rakkataa jira.Prezidaantiin biyyatti dhimmootii ijoo ta’an irratti hirkachuun jijjirama argamsisuuf yaalaa jiru.

XS
SM
MD
LG