Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Seera Meeshaa gargaarsaa Gara Portoriilootti Ergamu Murteessu Kaasan


Unites States seera meeshaan gara biyya bubbee hamaan rukute Puerto Ricotti ergamu murteessu hambisuu White House har’a ganama beeksisee jira.

Bulchaan Puerto Rico Ricardo Rossello gaaffii dhiyeessaniin prezidaant Taamp seerri sun akka hafu ajajaniiru. Ministeerri odeeffannoo Sarah Sanders ergaa Twitter maxxansaniin battala hojii irra ooluu beeksisan.

Seerri sun meshaan Ameerikaa dhaa gara andaara galaana Ameerikaa biyya jiruutti ergamu doonii US qofaan ta’uu qaba jedha. Qeeqxoonni seerri kun tattaaffii baraarsaa Puerto Rico keessaa kan jiraattonni biyyattii gargaarsa hatattamaa barbaadan danqa jechuun morman.

Ministriin naga eegumsaa garuu kibxata darbe akka jedhetti garuu buufanni doonii waan manca’eef jecha seericha hambisuun odolatti US hin fayyadu jedhee jira.

XS
SM
MD
LG