Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lola Naannoo Daangaa Oromiyaa fi Somaalee-Itiyoophiyatti Uumme Furuu Irratti Deemsa Mootummaa Federaalaa fi Ka Naannoo Oromiyaa  


Kiil Yunivarsitiitti barsiisaa seeraa fi qorataa mirga dhala-namaa, Dr. Awal Aloo
Kiil Yunivarsitiitti barsiisaa seeraa fi qorataa mirga dhala-namaa, Dr. Awal Aloo

Aanaalee daangaa Oromiyaa fi bulchiinsa naannoo Somaalee keessatti walitti-bu’insa uumee furuuf, mootummaan naannoo Oromiyaa fi mootummaan federaalaa akka tarkaanfii fudhatan ibsaa jiran. Walitti-bu’inicha furuufis tahe uummata sababaa sanaan qehee ofii irraa buqqa’e gargaaruuf, tarkaanfiin gama mootummaa federaalaatiin fudhatame xiqqaa fi ka boodatti harkifate akka tahe dubbatu, qeeqxonni.

Mootummaan federaalaa walitti-bu’insa sana keessumaa haleellaa humna “Liyyuu Poolis” jedhamuun jiraattota irratti geggeessamaa ture ajaja tokkichaan dhaabuuf otuu aangoo seeraa qabuu, callisee turuun isaa, mootummichi yokaan qaamni mootummichaa humna sana duuba jiraachuu isaa agarsiisa, jechuun – kanneen komatan illee ni jiran.

Dhimma kanaa fi deemsa siyaasaa kanatti hidhata qaban irratti, biyya Briteen jiru, magalaa London irraa – Kiil Yunivarsitiitti barsiisaa seeraa fi qorataa mirga dhala-namaa, Dr. Awal Aloo haasofsiisnee jira.

Gaaffii fi deebii guutuu dhaggeeffadhaa

Lola Naannoo Daangaa Oromiyaa fi Somaalee-Itiyoophiyatti Uumme Furuu Irratti Deemsa Mootummaa Federaalaa fi Ka Naannoo Oromiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:16:46 0:00

XS
SM
MD
LG