Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsitii Bulee Horaa Keessatti Hiraarsii fi Haleellaan Gosa Keenyatti Xiyyeeffate Nu Irratti Geggeessame, Jedhu Barattoonni Dhalata Tigiraay Tokko Tokko. Hoogganaan Yunivarsitichaa Garuu Ni Haalan


Bule Hora UNiversity
Bule Hora UNiversity

Yunivarsitii Bulee Horaatti kanneen barataa turan barattoonni dhalattoota Tigiraay, hiraarsaa fi haleellaan gosatti fuuleffate kan isaan irratti geggeessamaa jirutti dubbatan.

Magaalaa Maqalee tii akka bilbilan kan gabaasaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, Fininnee jiru – Melleskaachew Amahaatti himan – barattoonni dhalata Tigraay lama, Yunivarsitii Bulee Horaa keessatti barattoota waggaa sadaffaa turan ta’uu isaanii ibsanii, sababa dhalata Tigraay ta’aniif, hiraarsaa fi miidhaa irratti geggeessamu dheessanii gara naannoo isaaniitti deebi’uu isaanii dubbatu. Kanneen sababaa kanaan gara warra isaaniitti deebi’an barattoonni dhalata Tigriraay 60 ta’uu illee dubbtanii jiran.

Kan yeroo sanatti prezidaantii Yunivarsitichaa turan – Dr. Abdulqaadir Huseenii fi barattoonni Oromoo Yunivarsiticha keessa jiran garuu, hiraarsis tahe haleellaan gosatti xiyyeeffate gonkumaa ka mooraa Yunivaristichaa keessatti geggeessame akka hin jirre dubbatan. “mormiin keenya barattoota Tigiraay akka keenyaatti otuu hin ta’iin mootummaa wayyaanee mirga keenya sarbaa jiruu fi uummata keenya rakkisaa jiru. Kan hiraarsaa fi haleellaa geggeessaa jiru – humna raayyaa ittisaa mooraa sana keessa qubatee jiru” jedhu – barattoonni Oromoo.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG