Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qobboo Keessatti Namnii Torba Ajjefame:Jiraattoota


Bulchiinsa naannoo Amaaraa godina Walloo Kaabaa magaalaa Qobboo keessatti mormii fi walitti bu’iinsa uumameen hanga ammaatti namoonni torba fi miseensii raayyaa ittisa biyyaa tokko du’uu jiraattonni ibsanii jiru.

Hidhattoonni mootummaa kanneen magaalaa Waldiyaa keessatti namoota nagaa ajjeesan murtiif haa dhiyaatan akkasumas dargaggoonni magaalaa Qobboo keessatti hidhaman haa hiikaman jechuun hiriira mormii gaggeeffameetu gara walitti bu’insaatti jijjirame jedhu jiraattonni.

Hiriirtonni kun dhaabbattootii mootummaa fi qabeenyaa fi manneen dhalattoota Tigraay gubuu isaanii ibsamee jira.

Jiraattoota magaalaa Qobboo fi dhallattoota Tigraay keessaa tokko akka ibseetti gosaan adda baasuun manaa fi qabeenyaan warra Tigrootaa akkuma jiruutti waan barbadaa’eef dheessee ba’u dubbata.

Deebii gama mootummaa argachuuf carraaqiin godhame hin milkoofne.

Qobboo Keessatti Namnii Torba Ajjefame:Jiraattoota
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:51 0:00

XS
SM
MD
LG