Xurree ittiin seenan

Breaking News

Malaammaltummaan Dhibee Ardii Afrikaa Dhuunfate: Itti Aantuu Muummee Barreessaa Tokkumma Mootummootaa


Malaammaltummaan Dhibee Ardii Afrikaa Dhuunfate: Itti Aantuu Muummee Barreessaa Tokkumma Mootummootaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:56 0:00

Duula malaammaltummaa irratti geggeessamu injifachuu ka jedhu mata duree gumii hoogganoota gamtaa Afriikaa xumura torban kanaa kan jalqabamu ti.

Jalqaba wal ga’ii minsteerota dhimma alaa irratti ka dubbatan illee mata duree kana irratti fuuleffataniiru.

Itti aanaantuu muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa fi barreessaan komiishina hoji raawwachiisaa dinagdee Afriikaa Beeraa Senguyee kanneen keessaa tokko turan.

Malaammaltummaan rakkoo inni Ardittii irratti irratti fidaa jiru ilaalchisee fakkeenya adda addaa tuqaniiru.

Ardittiin waggaa waggaatti doolaara biliyoona 148 ka dhabdu ta’uu ibsan. Kun immoo oomisha waggaa kan Afriikaa nuusa ta’uu ibsanii jiran. Kanaaf malaammaltummaan dhibee ardittii dhuunftate ta’uu afaan Ferensaayiin ibsaniiru.

Haala nama gaddisiisuun malaammaltummaan guddina biyyootaa nyaataa kan adeemee fi guddinni walitti fufiinsa qabu akka hin jiraanne gochaa jira.

Kabajamoo ministeerotaa fi keessummoonni afeeramtan, malaammaltummaa dhibee kaanserii waliin akkan wal fakkeessu akka naa eeyamamun gaafadha.

Dinagdee keenya qalbii fi sadarkaa sadarkaa dhaan nyaataa kan adeeme. Dawaa fi furmaati tokkichi adda baasanii balleessuu dha jedhan.

Dargaggoonni kan biyyaa baqatanii fi du’aaf saaxilaman, harmooliin kan rakkatan walumaa gala hawaasichi miidhamaa kan jiru malaammaltummaa dhuma kanaan ta’uu barreessituun komiishinichaa ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG