Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Shawaa Bahaa aanaa Booraa Fi Godina Boranaa Magaalaa Moyyalee Keessatti Namni Lama Ajjefamaniiru: Jiraattoota


Godina Shawaa Bahaa aanaa Booraa mana barumsaa sadarkaa duraa Bootee keessatti kibxata Amajjii 23 bara 2018 ganama alaabaa fannifamuu qabu kan ilaaleen waldhabdee barattoota giddutti uumameen mooraa gadhisanii ba’uu isaanii kannen ijaan argan ibsanii jiru.

Kunis alaabaan fedeeraalaa ammaan booda fannifamuu hin qabu fi fannifamuu qaba kan jedhuun ta’uu dhuma irrattis barattonni Oromoo daandilee irra hiriiruun gara mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti qeejeelaa ituu jiranii polisoonni dhaabsisuuf yaalii godhaniin barataan kutaa torbaa ajjefamee kanneen biroon madaa’uu beekamee jira. Kanneen ijaan argan poolisiitu ajjesee kaanis madeesse jedhan iyyu waajirri polisii garuu poolisii miti jedhee jira.

Gama kaaniin godiina Boranaa magaalaa Moyyalee keessatti Wiixata darbe dargaggeessi tokko raayyaa ittisaan ajjefamuu fi kanneen biroo madaa’uu jiraattonni ibsanii jiru.

Dorgommii kubbaa millaa godinaa torban darbe gaggeeffama tuee dilbata darbee yeroo xumurameetti injifatee waancaa kan argatee gareen Moyyale gaafa Wixataa magaalaa isaatti deebi’ee daandilee irratti gammachuu isaa ibsaa yeroo jiruutti Somaaloonni bulchiinsa naannoo shanii dhagaa itti darbachuu jalqabuu isaaniitu walitti bu’insaa fi ajjechaan kanaaf ittiin ka’uumsa ta’uu dubbatu kanneen ijaan argan.

Bulchaan aanaa Moyyaalee Obbo Huseen Guyyoo tarkaanfii kana kan fudhate raayyaa ittisaa malee hidhataan biraa hin jiru jedhan. Raayyaan ittisaa garuu nu miti jechuu isaa ibsamee jira. Raayyaa ittisaa waliin bulchiinsi aanaa Kamiisa borii Amajjii 25 bara 2018 ganama walgahii taa’uuf akka jiran hubachiisanii jiru.

Gbaasaa Guutuu Caqasaa

Godina Shawaa Bahaa aanaa Booraa Fi Godina Boranaa Magaalaa Moyyalee Keessatti Namni Lama Ajjefamaniiru: Jiraattoota
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:13 0:00

XS
SM
MD
LG