Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldiyaa Keessatti Nama Torbatu Ajjefame: Waajira Komunikeeshinii


Bulchiinsa naannoo Amaaraa magaalaa Waldiyaa keessatti Sambata Amajjii 20 bara 2018 uummata Taaboota galchaa turee fi humnootii nageenyaa giddutti walitti bu’iinsa uumameen namnii 7 ajjefamuu fi kanneen lakkofsii isaanii ifatti hin beekamne madaa’uu itti gaafatamaan waajiira Komunikeshinii bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Nigusuu Xilaahun ibsanii jiru.

Gama kaaniin kanneen ajjechaa kana gaggeessan aangawoonni mootummaas ta’e ajajaoonni waraanaa seera duratti haa dhiyaatan jechuun jaarmayoonni Tokkummaa GuutuUmmaa Itiyoophiyaa fi Semaayaawwii paartiin har’a ibsa baasanii jiru.

Itiyoophiyaa keessatti dhiiga lammiwwan biyyatti dhangalaasuun, bo’ichii uummataa iddo iddootti dhaga’uun itti fufee jira akkasumas nagaan hojjatanii jiraachuun hin dandaa’ame jedhan.

Gabaasa guutuu caqasaa

Waldiyaa Keessatti Nama Torbatu Ajjefame: Waajira Komunikeeshinii
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:45 0:00

XS
SM
MD
LG