Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Hidhaa Ba’an Maal Jedhu?


Kanneen Hidhaa Ba’an Maal Jedhu?
Kanneen Hidhaa Ba’an Maal Jedhu?

Abba Alangaa Mummicha kan Federaalaa Obbo Getaachoo Ambaayee ulagaa ka’aman arfan irratti hunda’auun himatamtoonni 115 sadarkaa Federaalaatti akkasumas kanneen biroon 413 bulchiinsa nannoo uummattoota Kibbaa irraa himannaan isaanii marsaa duraa irratti akka addaan cite ibsan Wiixata darbe beeksisuun isaanii ni yaadatama.

Sana booda Roobii Amajjii 17 fi 18 bara 2018 Hogganaa KFO Dr. Mararaa guddinaa dabalatee namoonni 580 hiikamuu sabaa himaan mootummaa ibsaanii jiran.Kanneen yakkii isaanii addaan cite akka ba’an ta’e kun gara manneen jireenya isaanii fi godiina jiraataa turanti ennaa deebi’an uummata biraa simannaa ho’aa argataa jiru.

Aaddee Lalisee Baahiruu fi ijoollee isaanii
Aaddee Lalisee Baahiruu fi ijoollee isaanii

Maanguddoo umriin 87 kan magaalaa Arsii Nagallee irraa qabaman Obbo Dhaqqaboo Waariyoo, haadha ijoollee lamaa Finfinnee keessaa qabaman Aaddee Lalisee Baahiruu akkasumas Yunivarsitii Wallaggaa Keessatti gosa barnoota afaan Ingliffaan PHD kan qaban Dr. Rufaa’eel Disaasaa Warabuu haasoofsiifnnee jirra.

KFO maal jedha? Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.

Kanneen Hidhaa Ba’an Maal Jedhu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:32 0:00

XS
SM
MD
LG