Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akka Himatamtoonni Har’a Bellama Qaban Hin Beeku: Mana Hidhaa Qilinxoo


Kanneen galmee Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo irratti himataman hogganoota KFO fi kanneen biroo irratti murtii Kenniina Jechuudhaan manni murtii federaalaa Lidataa dhaddachii 4ffaa torban darbe murteessee ture.Kunis hogganoota KFO arfan irratti mana murtii jeeqxan jechuun mata mataatti hidhaa baatii ja’aan eega murteesse booda.

Garuu bellama har’atti qabame irratti manni hidhaa Qilinxoo himatamtoota hin dhiyeessiin hafe. Maaliif akka hin dhiyeessin hafe manni murtii kan gaafate yoo ta’u looltuun waa’ee dhimmi mana hidhaa qilinxoo raawwatu deebii kenneen akka har’a dhiyaachuu qaban hin dhageenye jedhee jira.Sana booda manni murtii bellama ka biraa kennee jira.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Akka Himatamtoonni Har’a Bellama Qaban Hin Beeku: Mana Hidhaa Qilinxoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:53 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG