Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qabsoo Uummati Hiikamuu Keenyaaf Geggeesse Hamilee Na Cimse: Dr. Mararaa Guddinaa

  • Jaallannee Gammadaa

Dr. Mararaa Guddinaa

Dr. Mararaa Guddinaa kaleessa jechuun Amajjii 17 bara 2018 mana hidhaatii gad dhiisamuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama. Hiikamuu isaaniif maal akka itti dhaga’ame gaafannee bu’aa qabsoo uummata keenyaa ti jedhan.

Dadammaqiinsi uummati keessumaa Qeerroon agarsiisan jalala uummati keenya nuuf qabu ennaan ilaalu kan ani silaa soora ba’uuf ka’e na irraanfachiisee qabsoo karaa nagaan geggeeffamu akkan itti fufu hamile na cimse jedhan.

Kanaaf qabsoo keenya itti fufna. Mootummaanis waltajjii siyaasaa nan bal’isa walii galtee biyyoolessaa uumuuf dimokraasii dagagsuuf namoota hidhaa dhaa hiikuuf waadaa seene kanneen mana hidhaa keessatti hafan hiikuu dhaan cicha qabu ni mul’isa jedheen abdadha. Hiikamuu koottis gammadeera jedhan.

Qabsoo Uummati Hiikamuu Keenyaaf Geggeesse Hamilee Na Cimse: Dr. Mararaa Guddinaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:32 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG