Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haasawa Biyyoolessaa Prezidaant Traamp Halkan Dabre Dhageessisan Ija Xiinxaltootaatiin


Imaammata biyya alaa fi gama dinagdeen milkaa’iina argachuuf tokkummaan akkaan barbaachisaa ta’u prezidaant Traamp haasawaa waggaa kan biyyoleessaa irratti hubachisanii jiru.

Hundii keenya adda addummaa qabnu cinatti dhiifnee waan irratti walii galuu dandeenyu adda baafachuun uummata nu filatee tajaajiila kennuu qabnu fixaan baasuuf waan akkaan barbaachisaa ta’e Tokkummaa qabaachuuf galgala kana waamichan dhiyeessaa jedhan Traamp.

Prezidaant Traamp haasawaa daqiiqaa 80 fudhate Kanaan caasaa immigreeshinii fi caasaa biyyatti keessa deebi’anii akka foyyeeffamaniif yaadan dhiyeesse seera tumtoonni raggaasisaa jechuun gaafatan .

Imaammata biyya alaa kan ilaaleen walii galtee nukleera Iraan fi dhimmi Koriyaa kaabaa irratti guutuummaatti hanqiina jiru irratti hojjachuuf Traamp ejjennaa cimaa akka qaban waadaa seenan.

Seneetor Jooseef Kenedii
Seneetor Jooseef Kenedii

Haasawa Prezidaantichaaf deebii kennuuf ka agama Paartii Dimookiraatii tii dubbatan – Seneetor Jooseef Kenedii sadaffaan garuu, dhimmoota hedduu irratti haasaan prezidaant Traamp dhiheessan kan lammiwwan Ameerikaa abboota-qabeenyaa fi duureyyii gargaaru malee uummata hojjetee buluuf faayidaan inni kennu hin jiru, jedhan.

Haasawa Prezidaantichaa fi deebii Seneetor Kenediin kennnan irratti hayyoota lama haasofsiisnee jirra. Guutummaa isaa dhaggeeffadhaa.

Haasawa Biyyoolessaa Prezidaant Traamp Halkan Dabre Dhageessisan Ija Xiinxaltootaatiin
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:03 0:00

XS
SM
MD
LG