Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa’el Koolu Galtoota Afriikaa Biyya Ishee Keessaa Baasuuf Murteessite

Çin Kommunist Partiyasının qurulmasının 100 illiyi ərəfəsində
Çin Kommunist Partiyasının qurulmasının 100 illiyi ərəfəsində

Koolu galtoonni kuma 40 ta’an erga Israa’el doolaara 3500 gatii tikeetii xayyaaraa kennuufii dhaan guyyoota 60 keessatti gara Rwaandaatti akka imalan ykn hidhaan akka isaan eeggatu beeksistee booda egereen isaanii waan beekamu hin qabu.

Koolu galtoonni kun irra hedduun biyya waraanaan bututan Sudaanii fi Ertraa irraa kurna tokko dura Israaliin kan seenan seeraan ala ture. Hedduun isaanii gara Afriikaatti deebi’uun filannoo keenya miti, kanaaf filannoo hamtuu kenname lamaan keessaa kan salphaa ta’e filanna jedhu.

Mana hidhaa Israa’elin seena jedha kan Daarfuur irraa gamas dhaqe Katir Abdullah. Rwaandaan biyya isaa miti. gamasitti kan isa eeggatu daraeraa, hoji dhabiinsaa fi hiyyummaa dha jedhe.

Israael erga Rwaandaan biyya amansiisaa dinagdeen ishee guddataa jiru ta’uu qorattee booda koolu galtoota gamasitti erguuf murteessiti. Rwaandaan immoo kan Israael koolu galtoota simatti jetti haaltee jirti.

Lammiin sudaan Adam Ahmad uummati biyya kee akka gad dhiisaniif maallaqa kennuufiin gantummaa dha jedha.

Uummati Israa’el uummata Afriikaa ykn lammiiwwan Afriikaa dahata siyaasaa gaafatan gurguraaf dhiyeessuun kan nama gaddisuusu.

Israael lammiiwwan Afriikaaf dahata siyaasaa kennuu diduu dhaan koolu galtoota jireenya wayyaawaa barbaada dhufan malee gaqattoota miti ittiin jette. Angawoonni akka jedhanitti uummata Juushotaaf bakka qubsumaa ta’uuf uumamte malee jamaa hiyyummaa Afriikaa keessaa baqateef miti jedhan.

Minsiteera dhimma biyya keessaa kan ta’an Aryeh Deri akka jedhanitti dirqamni Israael inni jalqabaa uummata isaafi.

Lammiiwwan Afriikaa lootee seentota kanneen yakkaa fi daandiiwwan Tel Aviv kibbaa irratti rakkoo uumani jedhan.

Qabsaa’onni mirga namaa gamasii akka jedhanitti garuu Israa’el ofii ishee iyyuu baqattoota Juushotaa kanneen fixiinsa Naazii jalaa miliqaniin ijaaramte waan ta’eef lammiiwwan Afriikaa gargaaruuf kan jalqabaa ta’uu qabdi.

Colette Avital dhaabbata warra fixiinsa Naazii irraa oolan kan Israa’el keessaa hoogganu.

Ennaaa waraan addunyaa 2ffaa addunyaan callqisuu isaa hubannee jirra. Israa’el immoo callisuu akka hin qabaanne akeekkachiisuu dhaan jedhan Avital kanneen gargaarsa barbaadaniif dhaqqabuu qabdi.

Israa’el Koolu Galtoota Afriikaa Biyya Ishee Keessaa Baasuuf Murteessite
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:46 0:00

XS
SM
MD
LG