Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsi Waldiyaa Keessaa Lubbuu Namaa Galaafate Qoratamaa Jira: Mootummaa


Torban kana irra deebi’uun Walloo Kaabaa magaalaa Waldiyaa keessatti mormiin ka’e, namoota ayyaana cuuphaa kabajaa utuu jiranii ajjeechaan irratti raawwatame kadhannaan yaadachuuf sirni dungoo qabsiisuu utuu geggeessamaa jiruu dhukaasa nu irratti bnameeni jechuu dhaan jiraattonni magaalaa Waldiyaa VOA saganaa Afaan Amaaraaf ibsaniiru.

Uummatichi sirna dungoo qabsisuu geggeessaa ture. Sirna sana irratti korri bittinneessaa dhufee rasaasa nu irratti roobse. Dargaggootaa fi maanguddootatu ture. Jeeqamatu uumame. Achii baqanne. Kan rasaasaan rukutame jira. Kaanis miliqee ba’e. Raayyaan ittisa biyyaa bakka dhufee hin beekamne magaalattii weerare. Bosona keessa nama ari’aa turan jedhu jiraataan Magaalattii.

Ka biroo bakki walitti bu’iinsi ka’ee lubbuun namaa bade magaalaa Marsaa keessatti qabeenyaa gubuu irratti hirmaattan dargaggoonni jedhaman hidhamuu jiraattonni ibsaniiru. jiraataan magaalattii akka jedhanitti kanneen hidhaman hiiksisuuf jaarsolii biyyaa dabalatee yaaliin godhamus dhuma irratti nama hidhuun xumurame.

Namoota sana hoogganaan raayyaa ittisa biyyaa haasofsiisaa ture. Jaarsoliin biyyaas, dargaggoonnis daandii cina sirnaan taa’anii turanitti raayyaan ittisa biyyaa itti marsee gaazii itti biifuu dhaan reebaa mana hidhaatti keessuu jiraataan magaalaa Marsaa dubbataniiru.

Gama biraan immoo itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii mootummaa Dr. Nagarii Leencoo ibsi isaan har’a kennan dhimmootii adda addaa irratti ka fuuleffate ture.

Walloo kaabaa keessatti kan uumame, rakkoo uumame haala jiruun yoo ilaalle wayya. Haala ofii isaatii qaba. Dirqiitti mootummaa waliin wal qabatee jira jedhanii jala muruun sirrii miti.

Mootummaan kanneen walitti bu’iinsawwan uumamee kan qoratu ta’uu isaaf qaamotii lubbuu namaa baduuf itti gaafatamoo ta’an fuula murtiitti akka dhiyaatan ennaa ibsu isa jalqabaa miti.

Baatilee hanga tokko dura Harargee Bahaa magaalaa Calanqoo keessatti walitti bu’iinsi lubbuu namoota 15 galaafate qoratamee uumamtaaf akka dhiyaatu ibsamuun ni yaadatama. Dr. Nagariin ennaa deebisan illee halli isaa qoratamee kanneen to’annaa jala oolan jiru jedhan.

Walitti Bu’iinsi Waldiyaa Keessaa Lubbuu Namaa Galaafate Qoratamaa Jira: Mootummaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:04 0:00

XS
SM
MD
LG