Xurree ittiin seenan

Breaking News

Siriyaa Keessatti Dhukaasa Dhaabinsii Labsamuu Qaba: Antoniyoo Gutarreesi


Lammiwwan Siriyaa kanneen Ghouta gama bahaa keessatti iggitamanii gargaarsii dhala namaa eeggataa jiran dhaqqabuuf murtii golli naga eegumsaa kan Tokkummaa mootummotaa dabarse yoo guutuummaatti haala qubsaan hojii irra yoo oole qofa hiika qabaata jechuun barreessaa dureen Tokkummaa Mootummotaa Antoniyoo Gutarrees dubbatan.

Golli naga eegumsaa sambata darbee akka murteesseetti Siriyaa keessatti guyyaa soddomaaf dhukaasii dhaabinsii akka jraatu fi gargaarsii nyaataa fi wal’ansa fayyaa waliin ga’uuf hojjatoonni baraarsaa akka seenan kan jedhu of-keessaa qaba.

Raashiyaan haleellaa riphxee looltoota Siriyaa irratti gaggeesitu sa’atii shaniif dhaabdee uummanni haleellaa gaggeeffamu jalaa akka ba’uu gochuuf prezidaantiin Raashiyaa Vladmir ajajanii jiru.

Kunis Kibxata borii ganama sa’atti 3 irraa hanga waaree booda sa’atii 9 tti kan turu ta’uun beekamee jira.Kunis siviloonni haleellaa Kanaan akka hin miidhamne yaadameetu jedhama.

XS
SM
MD
LG