Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uhuuruu Keeniyaattaa Dursaa Paartii Mormituu keeniyaa Raayilaa waliin mariyatan


Pirezedentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa har’a dursaa garee paartii mormituu ka Keeniyaa Raayilaa Odiingaa waliin masaraa mootummaa isaaanii ‘Haraambee Haawus’tti mariyatan. Ibsa maree isaanii booda gaazexeessitootaaf kennaniinis, Keeniyaattaan ‘egeree biyyaatiif jecha gaggeessitoonni biyyaa waliin mariyachuun murteessaa’ ta’uu yaadachiiisan.

Raayilaanis gama isaaniitiin, Keeniyaa keessatti qomoon wal qoodanii wal dhiibuun bal’ataa waan dhufeef haalli kun biyya isaanii rakkoo keessa buusaa jiraachuu himani.

Maree isaanii har’aatiinis waan Keeniyaa miidhaa jira jedhan ka dhimma tasgabbii, wal dhabbii qomoowwan adda adda gidduu jiru babal’achuu, malaammaltummaa fi haqi dhabamuu irratti walii galuun sagantaa waloo baafachuullee ifoomsan.

Mootummaan Keeniyaattaas guutuun sagantaa’n waloo Keeniyaattaa fi Raayilaa’n baasan dhiyeenyatti sabaaf akka ibsamullee himani.

Galmoo Daawit gabaasa qaba.

Uhuuruu Keeniyaattaa Dursaa Paartii Mormituu keeniyaa Raayilaa waliin mariyatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:51 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG