Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Boombii Somaaliyaa Lubbuu Hedduu Galaafate


Magaalaa galma mootummaa Somaliyaa Moqadishoo keessatti har’a konkolaataan boombiin guutame dho’ee yoo xiqqaate namoota 14 galaafate.

Angawoonni Somaaliyaa akka jedhanitti konkolaataan sun kan dho’e hoteela Weheliyee jedhu kan yeroo hedduu namoonni siyaasaa fi daldaltoonni keessatti argamani. Hoteelli kun kan namoonni irratti heddummaatan daandii Maka al-Mukaramaa jedhamu irratti argama.

Konkolaataan dhuka’aan guutamee hoteelicha fuullee dhaabatee ture. Biilsa naannoo sana ture mancaasuu dhaan siiviloota, irra hedduu namoota miillaan deemaa turan galaafachuu kanneen ijaan argan VOAf ibsaniiru. Haleellaan kun eenyu irratti akka fuuleffate hanga yoonaa ifaa akka hin ta’in angawoonni mootummaa beeksisaniiru.

Haleellaa kanaaf illee itti gaafatama kan fudhate hin jiru.

XS
SM
MD
LG