Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Uummata Ishee Miliyoona 8 Ta’u Gargaaruuf Deggersa $1.6 Gaafatte


Itiyoophiyaan uummata miliyoona 7.88 hongee, balaa lolaa fi walitti bu’iinsaan miidhaman gargaaruuf doolaara biliyoona $ 1.6 gargaarsa yeroo hatattamaa fi dheeraa gaafatte.

Itiyoophiyaan waggoota walitti aanan sadiif hongee dhaan dha’amte. Kanneen akka hamaatti dha’aman keessaa horsiisee bulaa miliyoona 2.4tu beeladaalee isaanii dhibba irraa harka 80 ta’an dhaban.

Tokkummaa mootummootaatti qindeessaan gargaarsa namoomaa kan Itiyoophiyaa keessaa Ahunna Eziakonwa-Onochie VAf akka ibsanitti horsiisee bulaan maatii isaanii nyaachisuuf foonii fi aannan beeladaalee kana irraa argataniin jiraatu.

Waggaa kana ijoollee miliyoona 3.5 kanneen hanqina nyaata madaalawaa hamma tokkoon rakkatan argina. Kanneen kuma 300 ol ta’an immoo hanqina nyaataa hamaatu isaan mudachuuf jira jedhan.

Eziakonwa Onochie akka ijoolleen kanneen hanqina nyaataa hamaan dararammaa jiran balaa yoo nyaata madaalawaa addaa hatattamaan hin argatan ta’e balaa du’aatu isaan mudatuu mala jechuun akeekkachiisan.

XS
SM
MD
LG