Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Abiyyi Ahimed Muummicha Ministeeraa Itihiyoopiaa Haarawaa Ta’uun Muudaman


a
a

Har’a wal ga’ii addaa kan geggeesse paarlaamaan Itiyoophiyaa dura taa’aa IHADEG haaraa Dr. Abiyyi Ahimediin muummicha ministeeraa gochuun muudeera. Aangoo walitti dabarsuun kun boqonnaa haaraan kan ittiin jalqabamu ta’uu isaa kan ibsan muummichi minsiteera Dr. Abiyyi Ahimed, itti gargaaramuu qabna jechuun yaadachiisaniiru.

Haala yeroo gama ilaaleenis yeroo adda addaatti kanneen wareegama baasan qabsaa’ota mirgaa, namoota polotiikaa fi ol adeemtonni du’uu isanaiif illee dhiifama gaafataniiru.

Lammiiwwan Itiyoophiyaa fi hidda dhalata Itiyoophiyaa kanneen biyya alaa jiraataniif dhaamsa dabarsaniin walii galtee biyyoollessaan gara boqonnaa biyyaa ifaa ta’etti haa ceenu jechuun waamicha dabarsaniiru.

Haasaan muummicha ministeericha haaraa ulaagaa hammayyaa kan guute bifa afeerraa fi araarsuu kan qabu jechuu dhaan miseenosnni paarlaamaa, hayyoonnii fi kanneen biroon yaada kennan ibsaniiru.

Dr. Abiyyi Ahimed Muummicha Ministeeraa Itihiyoopiaa Haarawaa Ta’uun Muudaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:51 0:00

XS
SM
MD
LG