Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Abiyyi Jeneraalota Waraanaa Sadi'ii Taayitaa Ministirii Ittiisaatti Muudan


Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimed, Jeneraalota waraanaa sadii, ministirii ittisaa keessatti taayitaa adda addaatti muudanii jiru.

Ministara Ittisaa irraa maddi argame akka ibsetti, Jeneraal Birhaanuu Duulaa Galaalchaa, Damee Opereeshinii yokaan Bobba’insa waraanaatti Itaa-maajor shuumii itti-aanaa, Birgeeder Jeneraal Yilmaa Mardaasaa Nyaaphaa, Ajajaa Humna Qilleensaa, Leetenaant Jeneraal Mollaa Hayile-maariyaam, Qindeessaa Loojistikii Raayyaa Ittisaa tahuun muudamanii jiru.

XS
SM
MD
LG