Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhuguma Nagaa fi Tasgabbiin Mirkanoofnaan Biyya Ofiitti Ni Deebina: Baqattoota Oromo


Faayilii - Hiriira baqattoonni Oromoo mootummaa Itoophiyaa mormuudhan Maaltaa keessatti godhan, Muddee 21, 2015
Faayilii - Hiriira baqattoonni Oromoo mootummaa Itoophiyaa mormuudhan Maaltaa keessatti godhan, Muddee 21, 2015

Addunyaa irratti uummanni Miliyoona 68.5 humnaan biyya ofii gadhisanii dhessuuf dirqamanii jiru.

Lakkobsii kun guddaa ta’u UNHCR amma gabaasa baaseen hubachisee jira.

Nutis Baqattoota Oromoo biyya alaa keessa jiran akksumas kanneen biyyuuma ofii keessatti qe’ee ofii irraa buqqa’an haasofsiifnee jirra.

Baqattuun Yaman Aden Basaatin keessa jiraatan adde Keddijjaa Mohaammed jireenyi baqattummaa hadhaa’aa ta’uu isaaf rakkoo keessa jiraachuu dubbatu.

Biyya keessa haalli jiru wayyaawaa ta’uu kan dubbatan aadde Kaddijjaan jijjiiramni dhugaan dhufnaan biyya ofiitti deebi’uu irraa boodatti hin jennu jedhan.

Kanneen biroonis akkasuma jireenyi baqattummaa gaarii akka hin ta’in dubbatanii nagaan jiraannaan biyya ofii akka wayyu dubbataniiru.

Walitti bu’iinsa daangaa Somaalee irratti uumameen kanneen qe’ee isaanii irraa buqa’anii Oromiyaa godinaalee adda addaa keessa buufatan jiru. Kanneen keessaa kan nuti haasofsiisne mootummaan naannoo Oromiyaa simannaan nuu godhe gaarii dha jechuun simatanii gama eegumsa fayyaaf midhaan nyaataan gargaarsatu nu barbaachisa jechuun qaammi dhimmi isaa ilaallatu deebii akka isaaniif kennu gaafataniiru.

Dhuguma Nagaa fi Tasgabbiin Mirkanoofnaan Biyya Ofiitti Ni Deebina: Baqattoota Oromo
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:55 0:00

XS
SM
MD
LG