Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addi Bilisummaa Oromoo fi Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden Waamicha Muummicha-ministaraa Abiyyiif Deebii Kennnan


Mootummaan Itiyoophiyaa yeroo dheeraadhaaf, dhaabota siyaasaa Itiyoophiyaa akka Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadenii fi Ginbot toorbaa akka dhaabota shrorokeessotaatti farrajuudhaan, balaaleffataa turuun isaa ni yaadatama. Muummichi-ministaraa Abiyyi Kaleessa, ibsa Paarlaamaa biyyattiif kennan irratti gaaffiilee dhihaataniif ennaa deebii kennan, akka dhaabonni kun lola qawwee dhaabanii fi gara biyyaatti deebi’uun mariidhaan rakkoo jiru mootummaa waliin furatan waamicha dhiheessanii jiran. Haasawa isaanii kaleessaa keessatti yoo xiqqaate bakka lamatti ture, ka waa’ee lola qawwee dhaabuu fi karaa nagaa mari’achuu kaasanii dubbatan – Dr. Abiyyi. Tokko humnaan taayitaa qabachuu fi taayitaa irra wal-buusuun akka bu’aa hin qabne ennaa dubbatanitti, “Ginbot toorba, ABOn, Addi Biyyoolesaa Bilisummaa Ogaaden – carraa kanaan, waraansi faashinii yeroon itti dabre. Dhaabaa tii kottaa!”jedhan.

Sana boodas itti deebi’anii, “Oboleeyyan keenya Ertiraa jirtan. Karaan isin qabattan, faashinii baay’ee dulloome waan taheef, Itiyoophiyaas waan hin fayyadneef, nagaadhaan gara biyya keessanii kottaa tii, haasaadhaan, walitti-dubbachuudhaan, mariidhaan biyya itti wal injifachuun danda’amu haa uumnu,” jedhan. Deenii kanaaf, hayyu-duree Adda Bilisummaa Oromoo – Obbo Daawud Ibsaa fi Itti-gaafatamaa Sab-quunnamtii Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden – Obbo Hasan Abdullaahii haasofsiisnee jirra. Dhaggeeffadhaa

Addi Bilisummaa Oromoo fi Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden Waamicha Muummicha-ministaraa Abiyyiif Deebii Kennnan
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:34 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG