Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummata Qe’ee Isaa Irraa Buqqa’e Kuma Saddeettama Ga’ee Jira: Mootummaa Naannoo Oromiyaa


Benishangul godina Kamaashii keessa kan jiran aanaalee Oromiyaa keessumaa lixaa fi baha wallaggaa wajjin rakkoo nageenyaa uumameen lubbuu namaa fi qabeenyaa irra miidhaan dhaqqabuu waajjirri biiroo dhimmoota kominikeeshinii Oromiyaa beeksisee jira. Waajjirri dhimmoota komiishinai hooggansa soda balaa naannoo Oromiyaas uummata buqqa’eef deggersi godhaamfii kan jiru ta’uu beeksisee jira.

Baatii darbe keessas walitti bu’iinsa naannoo Benishangul keessatti uumameen uummanni kuma 13 ol ta’u qe’ee ofii irraa buqqa’ee lixa wallaggaa Mandii fi Begii keessatti deggersi godhamaafii kan jiru ta’uu kan ibse waajjirri kominikeeshinii Oromiyaa rakkoo hooggansa naannoo Sanaa mariif gara Oromiyaa dhufee deebi’u irratti haleellaa raawwateen kan ka’e hookkarri ka biroon uummata balaa irra buusaa jiraachuu beeksisee jira.

Uummati hanga yoonaa qe’ee ofii irraa godaane kuma 80 ol ta’uun illee gabaasamee jira. Hawaasi naannoo jiru, mootummaa fi dhaaboliin gargaarsaa wal ta’uu dhaan uummata qe’ee ofii irraa buqqa’eef deggersa gochaa jiraachuu illee mootummaan naannoo Oromiyaa beeksisee jira.

Uummata Qe’ee Isaa Irraa Buqqa’e Kuma Saddeettama Ga’ee Jira: Mootummaa Naannoo Oromiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:48 0:00

XS
SM
MD
LG