Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorannaan Malaammaltummaa METEC irratti geggeessame Dhaabbatoota Ka Biroo Irrattis Itti fufa: Abbaa Alangaa Federaala


Hoogganaa Metekii fi tajaajila odeessii fi tika nagaa ilaalchisee tarkaanfiin hanga ammaatti fudhatame ka seera hordofe ta’uu ka dubbatan abbaan alangaa muummichi ka Federaalaa yaadawwan kanaa ala dhiyaatan fudhatama hin qabu jedhu.

Ibsi abbaan alangaa har’a kenne karoora waaltichaa kan guyyoota 100 kan itti ibse ture.

Ibsa sana kan kennan waajjira abbaa alangaatti itti gaafatamaa quunnamtii uummataa obbo Zinaabuu Tennuu gaaffii gaazexeessota biraa dhiyaateef deebii kennaniiru.

Daayrekter ol aanaa duraanii General Kinfe Daanyeew dabalatee itti gaafatamtoota METEC duraanii malaammaltummaan wal qabatee dhiyeenya to’annaa jala oolan. Obbo Zinaabuun akka jedhanitti qorannaan METEC irratti jalqabame waaltaalee ijoo kanneen biroo keessattis itti fufa jedhan.

Obbo Zinaabuun akka jedhanitti hojiiwwan qorannaa keenyaa jalqabnee jirra. Projektiiwwan gurguddaa fi waaltaalee misoomaa mootummaa gurguddaa irratti kan raawwataman hojii hattummaa fi malaammaltummaa irratti qorannaa jalqabneerra. Kan duraa METEC irratti. METEC qofaa kan jedhu yaada hin qabnu. Kan jalqabames isa qofaa yaada keessa galchuun hin turre. Hattummaan eessa iyyuu jiraannaan qorannaatu geggeessama.

Akka biyyaattis akka dhuunfaattis eenyu iyyuu hubachuun kan irra jiraatu qabeenyaa uummataa hatuu dhaan malaammaltummaa fi hattummaan qaamni shakkamu kam iyyuu yoo jiraate qorannee itti seenna ka jedhu jalqabbiin isaa. Kana dura bifa qoratameen itti deemamaa hin turre. Kanaafis jijjiiramni dhufaa hin turre. Haa ta’u malee itti aanaa kana irratti qorannaa geggeessuufi jennee waan labsinu hin qabnu. Gama seeraanis kun sirrii miti jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:53 0:00

XS
SM
MD
LG