Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tarkaanfiin Fudhatame Saba Tokko Irratti Fuuleffate Jedhu Hirirtonni Tigraay


Dilbata kaleessaa jechuun Sadaasa 25 naannoo Tigraay magaalaalee adda addaa keessatti hiriirtonni dhaadannoo qabatanii waltajjiitti ba’an keessaa sabaa fi sablammoonni Itiyoophiyaa nageenyaaf wal ta’iinsa akka agarsiisan kan gaafatu ibsa itti aanaa prezidaantiin naannoo Sanaa Dr. Debretsiyoon Gebremikaa’el kennan kan deggeru ture.

Hiriirri sun geggeessamuu isaa guyyaa tokko dura Allaamaaxaa bakka sadiitti boombiin dho’ee ture. Bulchaan magaalatti obbo Haftoom Werreetaa dho’iinsi sun hiriira sana gufachiisuuf kan akeekame ta’uu dubbatan.

Hiriirri sun dursee uummatichi qophee irra akka ture ni beekama. Haaromsa cimaa waggaa darbe kan geggeessameen gara hojiitti seenu keenya kan itti labsinuu fi gama kaaniin immoo nagaa fi misooma keenya humni gufachiisu akka hin jiraanne kan itti beeksisne ture jedhan.

Uummatichi akka jeeqamu, yaada isaa akka hin ibsine, hiriira akka hin bane gochuuf humnoonni sochii jeequmsaa oofan dheengadaa naannoo sa’aatii 3 boombii dhoosaniiru. Haa ta’u malee hawaasichi humnootii nagaa eegsisan waliin ta’uu dhaan namoonni sadii to’annaa jala akka oolan ta’eera jedhaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:41 0:00

XS
SM
MD
LG