Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsa Oromiyaa fi Naannoo Beenishaangulitti Kanneen Shakkaman To’annaa Jala Oolan: Poolisii Federaalaa


Itoophiyaa map
Itoophiyaa map

Naannoo Daangaa Beenishaangul fi Oromiyaa irratti walitti bu’iinsa uumameen wal qabatee kanneen shakkaman namoonni shan to’annaa jala ooluu isaanii poolisiin Federaalaa beeksisee jira.

Poolisii Federaalaatti daayrikterri quunnamtii uummataa obbo Jeelaan Abdii VOAf akka ibsanitti hojiin shakkamtoota to’annaa jala oolchuu cimee itti fufa.

Jijjiirama argame gufachiisuu humnoonni barbaadan walitti bu’iinsa kana duuba akka jiran illee dubbi himaan kun ibsaniiru. Mootummaan tarkaanfii utuu hin fudhatin turuun miidhaan daran akka hin dhaqqabne obusuu isaa malee dadhabina akka hin ta’in ibsanii humnoonni kana akka dadhabinaatti fudhatan yaalii godhanitti itti hin milk’aan jedhan. Mootummaanis nagaa uummataa eegsisuuf kutaatee ka’eera jedhaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:32 0:00

XS
SM
MD
LG