Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Nagaa Oromiyaa Bakka Garaagaraatti Geggeessamu Itti Fufee Jira


Ajjeechaa akkasumas uummanni daangaalee irraa qe’ee ofii irraa buqqaafamuu mormuuf akkasumas humnoota kora bittinneessaa uummata eeguuf bobba’e irratti ajjeechaan raawwatu haa dhaabatu jechuu dhaan Oromiyaa bakka garaagaraatti hiriirri geggeessamu itti fufee jira.

Guyyaa har’aa hiriirri magaalaa Naqqamteetti geggeessamuuf ture humna ittisa biyyaan bittinnaa’ee dhukaasa humnoonni kun dhukaasaniin barattoonni lama akka hamaatti miidhamuu kaan immoo gaaza imimmaansu biifameen miidhaan irra ga’uu barattoonni nuuf ibsaniiru.

Kutaalee Oromiyaa bakka birootti kan geggeessame hiriirrii fi kanneen du’an yaadachuuf sirni dungoo qabsiisuu nagaa dhaan xumuramuun gabaasamee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:30 0:00

XS
SM
MD
LG