Xurree ittiin seenan

Breaking News

Reeffii Prezidaantii Ameerikaa Durraanii Waashingtonitti Kabajaan Geggeessame Gara Teeksaasitti Deebisame


Reeffi prezidaantii Yunaayitid Isteetis durii, ka Joorj H.W. Buush, eega sirni geggeessaa Kaatediraala yokaan Waldaa Waaqeffannaa Biyyoolessaa as Waashington DC jiru keessatti godhameefii booda, waaree booda kana awwaalchaaf gara kutaa Teeksaasitti deebi’aa jira.

Reeffii prezidaanticha Ameerikaa 41faa, Wixata dabree irraa jalqabee haga har’a waaree boodaatti, US Capitol yokaan Waajira Mana-maree Yunaatid Isteetis, galma Rotuundaa jedhamu keessa yeroo turetti, aangawoota biyyattii fi namoota bebbeekamoo dabalatee - namoonni kuma hedduutti lakkaawaman itti yaa’anii daawwataa turan.

XS
SM
MD
LG