Xurree ittiin seenan

Breaking News

'Hidhattoonni Naannoo Shanii Dhufan Mooyyaleetti Nama Tokko Ajjeesanii Afur Madeessan’ – Hospitaala Mooyyalee


Harra lola hidhattoonni naannoo shanii dhufan Magaalaa Mooyyaleetti bananiin lubbuun nama tokkoo dabree nami afur madaawuu Hospitaalli Mooyyalee beeksise.

Jiraattonni Magaalattii, hidhattoonni kuni Sanbata darbee kaasee namootarraan balaa dhaqqabsiisaa akka jiran himanii, humni Raayyaa Ittisa Biyyaa Mooyyaleen keessa buufatee jiru garuu hidhattoota balaa geessisaa jiran kana dhaabuuf homaa hojjetaa akka hin jirre komatan.

Bulchaan Aanaa Mooyyalee Obbo Baaggajja Morgee Raayyaan gidduu seenee lola akka dhaabuuf gaafataa jirra jedhu; Galmoo Daawit dabalata qaba.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:20 0:00

XS
SM
MD
LG