Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Beenishaangul Irraa Buqqaafaman Deggersa Hin Arganne Jedhu


Jiraattonni Beenishanugl Gumuz irraa godaanan miidhaan nu irra ga’e jalqaba irra Benishaanguli aanaa Yaasoo keessaa Amaaraa fi Oromoo baasna kan jedhu ture. Kanas kan qoopheessan hoogganoota aanaa turan. Nama diimaa ta’e mara asii baafna jedhanii nama reebuu jalqaban. Dura dhaadannoo Amaarri haadha warraa keenya, Tigireen fira keenya, Oromoon diina keenya kan jedhu dargaggoonni dhageessisuu jalqaban jedhan.

Qabeenya keenya dhiisnee baanus daandii irratti nu eeggatanii maallaqa of harkaa qabnu nu saamanii yoo barbaadanis kaanitti dhukaasanii ajjeesaa achii nu baasan jedhu.

Hawaasi gamasii buqqaafame heektaara 10-15tti kan inni oomishe. Kun martinuu qonnaan bulaa dha. Daldalaanis keessa jira. Abbaan qabeenyaas jira. Namoota hedduu dha Daldalaan suuqiin isaa saamamee qabeenyaan tokko hin hafne. Meeshaan mana keessaa hin jiru. Abbaan qabeenyaa kan qabu martinuu ni saamame jedhan.

Jeeqamni sun naannoo Fulbaana 8 jalqabame. Fulbaana 16 bulchitoonni Benishangul lamatu ajjeefame jedhanii ajjeesuu jalqaban. Ajjeechaan kunoo amma iyyuu itti fufee jira. Qabeenyaa keenya walitti qabachuu hin dandeenye jedhaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:08 0:00

XS
SM
MD
LG