Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Eertraa Isaayaas Afewerkii Somaaliaa daawwataa jiran


Ministeerri odeeffannoo Eertraa Yemaanee Gebremesqel ergaa fuula twitter isaanii irratti maxxansaniin biyyoonni lamaan michummaa isaanii, kabajaa fi michummaa isaanii cimsatan jedhan. guyyaan har’aas hariiroo biyyoota lamaaniif boqonnaa haaraa dha jedhaniiru.

Prezidaant Isaayaas daawwannaa isaanii Moqaadishootti aansee daawwannaa hojiif gara Naayroobiitti kan qajeelan afeerraa prezidaantiin Keeniyaa Uhuru Kenyatta godhaniifiin ta’uu Yemaaneen ibsaniiru.

Kamisa har’aa Moqaadishoo keessatti eegumsi cimee jira, loltoonni mootummaa meeshaa gurguddaa hidhatan bobba’aniiru.

Fulbaana 5 bara 2018 hoogganoonni Eertraa, Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa yeroo jalqabaaf Asmaraa keessatti wal arganii jiran.

Hoogganoonni Somaliyaa fi Eertraas baatii darbe muummicha ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed waliin Baahrdaar keessatti wal arguu dhaan hariiroo dinagdee naannoo irratti mari’achuun isaanii ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG