Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertraan Ambaasaaddara Ishee Itiyoophiyaatti Ergitee Jirti


Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ertraa ta’uun kan haaraa muudaman Obbo Samaree Ri’isoom xalayaa muudama isaanii ha’ra prezidaantii Itiyoophiyaa Sahle Warq Zawdeetti dhiyeeffatanii jiru.

Ertraan gara Itiyoohpiyaatti Ambaasaaddara yeroo ergattu waggaa 20 keessatti kun kan jalqabaa yoo ta’u cufamuu daangaa biyyoota lameenii inni gama Zaalaambassaa wajjiin wal afaana bu’ee jira.

Ummattonni biyyoota lameenii inni tokko gama kaaniitti ce’uuf ehama angawootaa argachuu akka qaban naannoo daangaa irra kan jiran ajajoonni waraanaa gama Ertraa dubbatanii jiru.

XS
SM
MD
LG