Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qonnaan Bultoota Burjii Shantu Ajjefamaee Torba Mada’an: Bulchaa Aanaa


Bulchiinsa naannoo ummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa fi bulchiinsa naannoo Oromiyaa godina Gujii aanaaalee wal daangeessan keessatti qonnaan bulaan Burjii 5 ajjeefamuu bulchiinsii aanaa Burjii beeksisee jira.

Hojii qonnaan irra kan turan kanneen biroon 7 madaa’uus ibsanii kan ibsan bulchaan aanaa Burjii obbo Mantaa Harmee

Rakkoon jiru humna bulchiinsa aanaa ol ta’u isaa fi bulchiinsa naannoo deggersa yoo gaafannees yaa kanaa kan nuun jedhe hin jiru jedhu.

Haleellaa fi ajjechaa kana Gujii keessa kan maadheeffate hidhataa Adda Bilisummaa Oromootu gaggeessa jechuun himatan.

Dhalattoota Burjii eenyummaa isaaniif jecha qofa haleellaa irratti gaggeeffamuun Bulee Horaa, Taltallee fi Moyyalee keessaa godaansifamaa fi ajjefamaa kan jiran ta’uun midhamtoonni ibsanii jiru.

Walitti-bu’iinsa Kanaan alattis beelaaf saaxilamuu fi mootummaas ta’e kanneen biroon gargaarsa dhala namaa kan hin kenniin ta’u ibsan.

Bulchiinsa naannoo Oromiyaatti bulchaan godina Gujii obbo Abarraa Bunoo gama isaaniin ittiin ka’umsii walitti bu’iinsa kanaa daangaa bulchiinsaa fi abbummaa qabeenyaa irratti falmii jiru ta’u ibsan.

Humnii hidhate naannoo sana jiraachuu isaa garu odeeffannoo hin qabu jedhan kan jedhan Obbo Abarraan rakkoo uumamee furuuf uummanni akka wal arguuf yaalamaa jira jechuu isaanii oduu gabaasaan Raadiyoo Sagalee Amerikaa Yonaataan Zabiwoos gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG