Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertraan Daangaa Gama Asab Bantee Jedhu Jiraattonni


Ertraan karaa gama Asabiin gama Bureen karaa Itiyoophiyaatti ce’u banuu ishee jiraattonni raadiyoo sagalee Amerikaaf ibsanii jiru. Gama Torban darbee Ertraan daangaa gama Zaalanbasaan Itiyoophiyaa seenu cufuu ishee beeksiiftee jirt.

Biyyonni lameen baatii Fulbaana darbe araara buusuun hariiroo isaanii idootti deebisuuf erga walii galanii booda daangaan banamee ture.

uummanni biyyoota lameen kanneen kuma hedduu ta’an daangaa walii seenanii turan.

Bulchiinsa naannoo Tigraayif dubbi himtuu kan ta’an aaddee Liyaa Kaasaa dhaabata oduu Roytarsiif akka ibsanti erga torban darbee kaasee lammiwwan fi kokolaataan Itiyoophiyaa kanneen karaa Zaalaambeessaa fi Raamaa daangaa ce’uuf yaalan ehama fidaa jedhamuun dhorkaman.

Kana ilaalchisee angawoota Ertraa biraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne . Garu Jaapaanti Ambaasaaddarri Ertraa Twitarii irratti akka barreessanti kanneen lammiwwan Ertraa hin taaneef Ertraa seenuuf Vizaatu barbaachisa.

Dubbi himaan ministrii haajaa alaa Itiyoophiyaa obbo Mallas Alam kamiisa darbee akka ibsanti ugguura daangaa irra ka’ame kan ilaaleen odeeffanno hin qabu jedhan.

XS
SM
MD
LG