Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen fi Paartiin Wal Ta’iinsa Dimokraasummaa Biyyatti Deebi’an


Dhalattoonni gosa Ogaadeen kan itti heddummaatan addi bilisummaa biyyoolessaa Ogaadeen fi dhalattoonni gosa Iisaa kan itti heddummaatan wal ta’iinsi dimokraasummaa naannoo Somaalee gara Itiyoophiyaatti dhufuu isaanii baatii hanga tokko dura karaa nagaan qabsaa’uu dhaaf tokkummaa uummachuuf murteessan.

Kanneen qophii simannaa sana irratti hirmaatan dhaaboliin kun karaa nagaan qabsaa’uu fi filannoo dhaan aangoo qabachuuf murteessuu isaaniitti illee gammaduu isaanii dubbataniiru.

Dhaaboliin kun lamaan ennaa biyyatti galan Dirree Dhawaa bakka dirree Koongoo jedhamutti uummata kurna kumaan laka’amu simannaa godhaniifii jiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:44 0:00

XS
SM
MD
LG