Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wixineen Seera Farra Shorokeessummaa Seera Duraanii Kan Fooyyessu Qofaa Utuu Hin Taane Kan Haqu Dha: Gurmuu Wixinee Qopheesse


Wixinee labsii seera farra shororkeessummaa fooyyessuuf karaa gurmuu hundaa’eetiin wixinee labsii dhiyaate irratti har’a mariin geggeessameera.

Mariin wixinee kana ilaalchisee geggeessamus tarii kun isa dhumaa ta’uu akka danda’u qindeessaan gurmuu kanaa obbo Ammahaa Mekonnin VOAf ibsaniiru.

Obbo Ammahaan akka jedhanitti wixineen sun ennaa qophaa’u seera isa duraanii fooyyessuuf hin turre.

Seerri inni duraanii guutummaan haqamee sana kan bakka bu’u wixineen seeraa kan dhiyaate ta’uu ibsaniiru.

Haaraa dha kan isa jechisiisu, guutummaan kan irratti fuuleffate jalqaba irraa qabee shororkeessummaa dammaqinaan ittisuu fi itti duuluu jedha.

Adeemsa kana keessa mirgi lammiiwwanii akka hin dhiitamne shakkamtoota irraanis miidhaan akka hin geenye kan godhu hin jiru. kun akka hin geenye seerri ittisuuf hin turre. Seerri inni amma wixineeffame garuu jalqaba irraa kaasee mirga lammiiwwanii eeguu fi eegsisisuu kan jedhu of keessaa qaba.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:09 0:00

XS
SM
MD
LG