Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarkiin Industrii Hawaasaa Daldaltoota Naannoo Hin Hirmaachisu Jechuun Komeen Dhiyaate


Daldaltoonni Hawaasaa carraa magaalattii keessatti uumametti fayyadamaa hin jiran jechuu dhaan prezidaantiin mana maree waldoolii fi damee daldalaa obbo Mikiyaasa Andeboo dubbataniiru.

Carraa uumame jedhan keessaa adda durummaan kan isaan kaasan paarkii industrii tuqaniiru.

Paarkii industrii fi hawaasa daldaltoota magaalattii gidduu hariiroon daldalaa akkasumas daldaltoonni kun paarkichaf gumaacha gama isaanii akka dhiyeessaniif haalli mijataan hin uumamne.

Naannoo kanatti akkuma beekamu daldalaan bu’aa argatee galii isaa mootummaafis daldalaa galchu dha.

Dilaala waliin dhimmi wal qabates hedduutu jira.kanaaf paarkiin hagas ga’u meeshaalee gurguddaa adda addaa Finfinnee fi bakka garaa garaatii ennaa galchu daldalaa gurguddaan as isa bira jiru immoo carraa akkasii haala inni itti hin arganne waan jiruuf. Kana ilaalchisnee ti kan nuti qorannaa geggeessine jedhan.

Paarkiin industrii kun ragaa kamiinuu argachuuf cufataa ta’uu isaa fi mootummaa federaalaa yoo ta’e malee mootummaan naannoo kan isa hin ilaallanne keessumaa dallaalota seeraan alaa, dhiyeessii meeshaalee fi mindeessuu hojjettootaa irratti dhiibbaa guddaan jiraachuu qorannaan sun ibsee jira.

Abbootii qabeenyaa naannoo haala hirmaachisuu danda’u irratti iftoominatu itti hanqata jedha qorannaan sun.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:15 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG