Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Filannoo Itti Aanuuf Duula Na Filadhaa Geggeessuu Qaban


Filannoon prezidaantummaa US geggeessamuuf baatilee 20tu hafa. Mr. Traamp garuu ammumaa duula na filadhaa jedhu waan eegalan fakkaatu.

Sooshaalizimii balaaleffataa mormitoota isaanii kan paartii dimokraatotaa kan hordofan mala siyaasaa hi’ina qabu jechuun dhiyeessaa jiru.

Prezidaant Doonaald Traamp torban darbe gumii namoota siyaasaa safuutti cichanii kan waggaa irratti haasaa dhageessisaniin, mirga namgoota dhuunfaa sirna guutummaan mootummaan to’atuun bakka buusuu barbaadu jechuun dimokraatota himatan.

Sooshaalizimiin kan hundaa’e, waa’ee eegumsa qilleensa naannoo, waa’ee haqaa ykn safuuf eegumsa gochuu utuu hin taane waan tokkicha qofa, innis aangoon paartii biyya bulchuuf haa ta’u kan jedhu qofaa dha jechuu dhaan Traamp gumii sana irratti dubbataniiru.

Ergaa dhumti wal fakkaatu itti aanaa isaanii Maayk Peence illee calaqqisaniiru.

XS
SM
MD
LG