Xurree ittiin seenan

Breaking News

Blaak Booksin Xiyyaara Kufee Qorannoof Gara Biyya Alaa Ergama: Ministara Geejjibaa Itiyoophiyaa


Xayyaarri Itiyoohpiaa kan Dilbata darbee jechuun Bitooteessa 10 bara 2019 imaltootaa fi hojjattoota xayyaarichaa walumaa galatti namoota 157 fe’e balali’e sun rakkoo isa mudatee otuu hin kufiin dura kan aarri irraa mul’ataa akka ture tahuu namoonni ijaan argan VOAtti himanii jiran.

Ministarri Geejjibaa Itiyoophiyaa immoo daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa meeshaa ittiin odeeffannoo Saanduqa “Black Box” jedhamu, kan odeessa waa’ee balaa sanaa qabu ittiin dubbisan qabaate iyyuu qorannaa sana walabummaan geggeessuuf akka tahutti saanduqichi ka biyya alaatti ergamu tahuu dubbata.

Garuu biyya kamitti akka ergamu waan himame hin jiru. Gabaasaa Muktaar Jamaal Adaamaa irraa erge caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:19 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG