Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaasni ESAT Tibbana Waayee Dhalattoota Amaaraa Godina Qellam Wallagga Laalchisee Dhiheesse Kan Dhugaa Irraa Fagaate Ta'u Bulchiinsi Godinichaa Beeksise


Godina Qellam Wallaggaatti dhalattootni Amaaraa humnoota naannichaan, “gad-dhiisaa bahaa” jedhamanii gidirfamaa jiru, jechuun oduun Televizhiniin Saataalaayitii Itoophiyaa yokaan ESAT dabarse kan dhugaa irraa fagaate, jechuudhaan Waajjirri Komunikeeshinii Godinaa Qellem Wallaggaa beeksisee jira.

Jiraattotni godinichaa yaada Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennan lamas gama isaaniin nagaan bahanii nagaan hojjatanii mana isaaniitti ka galaa jiran tahuu dubbatu.

Mootummaan naannoo Oromiyaa immoo "ESAT tahe jedhee oduu sobaa dabarsuu isaaf ni himatama” jedhee jira.

Naakoor Malkaa tu Naqamte irraa gabaase.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:44 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG