Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tikeetiin Ilma koof Kutee Kan Xayyaara Kufee Sanaa Hin Turre: Haadha Ilma Ishee Dhabde


Siidrak Getaachoo, imaltoota balaa xayyaaraa Dibata darbee mudateen lubbuu ofii dhaban keessaa
Siidrak Getaachoo, imaltoota balaa xayyaaraa Dibata darbee mudateen lubbuu ofii dhaban keessaa

Imaltoota Balaa xayyaaraa Dibata darbee mudateen lubbuu ofii dhaban keessaa umriin isaa 26 kan ta’e dargaggoo Siidrak Getaachoo tokko ture.Harmeen isaa Aaddee Milkaa Yimaam Naayrobii irraa akka ibsanti Siidraak waliin ijoollee shan qabu.Siidraak mucaa isaanii lammaffaa yoo ta’u jalqaba Finfinnee irraa gara Naayroobii akka seenu kan fedhan Kamiisa Bitooteessa 7 bara 2019 ture.

Garu Robii Bitooteessa 6 bara 2019 hojjattonni xayyaaraa kan Keniyaa hiriira mormii irra waan turaniif jecha xayyaarronni biyya alaa dirree xayyaaraa Naayrobii hin seeniin hafan. Mormiin kun boris itti fufuu mala gorsi jedhu waan kennameef jecha isa yaadanii turan Tikeetii Bitooteessa 7 bara 2019 bituu dhisanii Sambata Bitooteessa 9 bara 2019 ilma isaanif kutan.

Bitooteessa 9 immo ilmii isaanii Siidraak Getaachoo yeroon dirree xayyaaraa Boolee dhaqqabuu waan dadhabee jecha xayyaarri isa gatee Naayroobi deeme.Kanaaf borumtaasaa isaa Bitooteessa 10, 2019 xayyaara ganamaan gara Naayroobiitti deemu fudhachuu akka danda’uu itti himan jedhan harmeen isaa.

Xayyaarrichis isa Dilbata dabree ganama Siidraak Geetaachoo fudhee dirree xayyaara Boolee gadhisee eega ka’e daqiiqaa 6 booda naanno Bishooftiitti kufe ture.Imaltootaa fi hojjattoota xayyaarichaa waluumaagala nama 157 lubbuu dhabe.

Hammanuma gaa kan ilma koo kan jedhan aaddee Milkaan jireenya boriif dhiphachuun gatii hin qabu, Isa har’a qofa malee jedhu.

Gaaffii fi deebii gaggeeffame Caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:08 0:00

XS
SM
MD
LG