Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iimaltoonni Digdamni Kora Sagantaa Qilleensa Naannoo La Tokkummaa Mootummootaa Naayiroobiitti Geggeessamu Irratti Argamuuf DeemaaTuran


Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa, odeeffannoo, har’a fuula tiwitterii irratti maxxanseen, xayyaara isaa kaleessa Bishootuutti kufee caccabe keessaa, meeshaaleen sagalee haala xayyarichaa odeeffannoo waraaban, kanneen “Black Box” jedhaman caccabaa sana keessaa argamuu isaanii beeksisee jira.

Xayyaarri Booying 737 MAX-8 jedhamu kaleessa ganama gara Naayiroobii deemuuf dirree xayyaaraa Boolee irraa ka’ee daqiiqaa 6 qofa akka balalai’etti kufee caccabuu isaatiin namoota keessa turan 157 tu dhume.

Kanneen keessaa imaltoonni digdamni, kora Sagantaa Qilleensa Naannoo, ka Tokkummaa Mootummootaa, Naayiroobiitti geggeessamu irratti argamuuf otuu deemanii karaatti hafan. Waajira Sagantichaa ka Tokkummaa Mootummootaa Naayiroobii jirutti har’a ennaa bakka bu’oonni koraaf dhufan, alaabaan walakkaatti gad-butamee fannisame.

Xayyaarrri Moodeliin isaa wal-fakkaataan baatii Onkoloolessaa keessa, biyya Indooneeshiyaatti akkanuma kufee caccabee ture. Garuu, sababaan kufinsa xayyaarota lameenii wal-fakkaataa tahuu isaaf ragaan argame hin jiru. Balalsiisaan yokaan Paayileetiin xayyaara Itiytoophiyaa kaleessa kufee sun, paayiletoota muuxanno ol’aanaa qaban dhaabatichi qabu keessaa tokko tahuu hoji-geggeessaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa – Obbo Teweldee Gebre-maariyaam dubbatanii jiran.

“Paayileetichi Mohammed Nuur Mohammed, hojjetaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa ti. Sa’aatiilee dhibba lama caalaa nama balalsiise dha. Eega xayyaaricha fudhannee booda, gaafa Guraandahla 4, bara 2019 sakattaanee jirra. Xayyaara haaraa fi ulqulluu dha – jedhan” Obbo Tewledeen.

Ministarri Geejjibaa Keeniyaa, kanneen balaa sanaan dhuman keessaa 149 imaltoota, saddeetii immoo garee balalii xayyaarichaa tahuu beeksisee ture.

Eega xayyaarri imaltoota Itiyoophiyaa keessatti kufee caccabee guyyaa tokkoo booda, har’a gabaan addunyaa Kaampaanii xayyaaraa Booying gara dhibba irraa harka kudha-lamaatiin gad-bu’ee jira.

Gatiin gabaa Industrii DOW JONES har’a ganama, hariitiidhaan gad sigigaate.

Daandiileen xayyaaraa ka Chaayinaa, Indooneesiyaa fi Itiyoophiyaa – xayyaarota isaanii Booying 737 MAX 8 jedhamu, akka hin balaliine ugguranii jiran.

Xayyaara Daandii Qilleensaa Booying 737 MAX 8 kaleessa kufee caccabe ilaalaalchisee qorannaa Itiyoophiyaan geggeessitu gargaaruuf, Yunaayitid Isteetis, garee ogeessota ishee ka gara Finfinneetti ergitu tahuu beeksistee jirti.

Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Ameerikaa, Maayikil Reeyner, har’a waaree booda, bakka kaleessa xayyaarichi itti kufee caccabe daawwatanii jiran.

Ambaasaddarichi, yeroo sanatti, ibsa maddeen oduuf kennaniin, yunaayitid Isteetis, gurmuu ogeessyyii 6 of keessaa qabu, gargaarsa qorannaa balaa xayyaarichaaf gara Itiyoophiyaatti akka ergitu dubbatan. Gurmuun kun boor akka Itiyoophiyaa dhaqqabus himamee jira.

Keessumaa, gareen Teekinikaa ka Kaampaanii Booying, mootummaa Itiyoophiyaa fi dhaabbata Poolsii Yakkamtoota Addunyaa irraa hordofu – Interpol wajjiin tahuudhaan gargaarsa kenna – jedhamee jira.

Haasawa sagalee yeroo balalii xayyaarichaa kan waraabu meeshaan “Black Box” jedhamu har’a caccabaa xayyaarichaa keessaa argamuun isaa, sababaa balaa sanaa adda baafachuuf akka baay’ee gargaaru – Ambaasaaddar Reeyiner dubbatanii jiran.

Namoota kaleessa balaa sanaan dhuman 157 toorba keessa 8 lammiwwan Ameerikaa tahuun beekamee jira.

XS
SM
MD
LG