Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaa Xayyaaraa Akkaan Sukanneessaa fi Ijaan Arguuf Rifaasisaa ta’eetu Mudate: Angawaa Naannoo


Ethiopia Plane Crash

Xayyaara Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Booying 737 MAX 8 kaleessa kufee caccabe ilaalaalchisee qorannaa Itiyoophiyaan geggeessitu gargaaruuf Yunaayitid Isteetis garee ogeessota ishee ka gara Finfinneetti ergitu tahuu beeksistee jirti.

Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Ameerikaa Maayikil Reeyner Wiixata har’a waaree booda bakka kaleessa xayyaarichi itti kufee caccabe daawwatanii jiran. Ambaasaddarichi yeroo sanatti ibsa maddeen oduuf kennaniin yunaayitid Isteetis gurmuu ogeessyyii 6 of keessaa qabu gargaarsa qorannaa balaa xayyaarichaaf gara Itiyoophiyaatti akka ergitu dubbatan. Gurmuun kun boor akka Itiyoophiyaa dhaqqabus himamee jira.

Hojjatoota daandii xiyyaara Itoophiyaa bala dhaqqabeen lubbuun isaanii darbe
Hojjatoota daandii xiyyaara Itoophiyaa bala dhaqqabeen lubbuun isaanii darbe

Keessumaa gareen Teekinikaa ka Kaampaanii Booying mootummaa Itiyoophiyaa fi dhaabbata Poolsii Yakkamtoota Addunyaa irraa hordofu – Interpol wajjiin tahuudhaan gargaarsa kenna jedhamee jira.

Haasawa sagalee yeroo balalii xayyaarichaa kan waraabu meeshaan “Black Box” jedhamu har’a caccabaa xayyaarichaa keessaa argamuun isaa sababaa balaa sanaa adda baafachuuf akka baay’ee gargaaru – Ambaasaaddar Reeyiner dubbatanii jiran.

Namoota kaleessa balaa sanaan dhuman 157 keessa 8 lammiwwan Ameerikaa tahuun beekamee jira. Jiraattonni naannoo Xayyaarich Sagalee Guddaa Dhageesisaa Dhufee Achumaan Sagalee Dhohinsaa Dhageenye jedhu jiraattonni nannoo. Xayyaarri kun yeroo lafa dhahee guutuummaatti lafa keessatti dhidhimuu isaa fi caccabaan hangi xiqqoon maasii qonnaa irratti faca’ee akka ture ibsan.

Hojii qotanaii baasuu itti fufee akka jiruu fi reeffi namaa illee ituu hin hafiin waan hundumtuu addaan ciccitee ba’aa akka jiru aangawaan nannoo ibsanii jiran.

Gabaasa guutuu caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:14 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG