Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaa Xayyaaraa Itiyoophiyaa Tii Booda Booying 737 MAX 8 Irratti Shakkiin Dabalaa Jira


Xayyaara Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Booying 737 MAX 8, Dilbata dabre kana kufee caccabe keessatti namoota 157 dhumaniif yeroo addunyaan gaddaa jirutti, ogeeyyiin otuu xayyaarichi hin kufiin dura maal akka mallattoo akeekkachiisa balaa kaase gaafataa jiru. Xayyaaricha Booying moodelii 737 MAX 8 irratti shakkii jirus ol kaasee jira.

Chaayinaa, Maashiyaa, Awustraaliyaa, Noorweey, Briteen fi Arjentiinaa dabalee biyyoonni Addunyaa Xayyiricha Booying 737 MAX 8 qaban balalii irraa ugguranii jiran. Gatiin meeshaalee kaampaanii Booying illee har’aa fi kaleessa gabaa Addunyaa irratti gad-bu’ee jira.

Aangawaan nageenya balalii, ka biyya Briteen, Daa’ii Witingaan – xayyaarichi Booying 737 MAX 8, moodelii xayyaara kaampaanichaa yeroo dheeraaf beekame – Booying 737 irraa adda tahuu dubbatu.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:40 0:00

XS
SM
MD
LG