Xurree ittiin seenan

Breaking News

Polisiin Bulchiinsa Naannoo Haararii Qaama Nageenyaa Jabaa Ijaaruuf Karoorfachuu Beeksise


Itoophiyaa map
Itoophiyaa map

Polisiin bulchiinsa naannoo Haararii raayyaa ofii marsaa lamaan leenjiif kan seensisuu ta’uu beeksisee jira.

Nageenya fi olaantummaa seeraa eegsisuu ilaalchisee rakko akka jiru jiraattonni naannoo yeroo mara kan dubbatan yoo ta’u, rakkoo kana dhabamsisuuf poolisii Federaalaa fi raayyaa ittisaa wajjiin walta’uun kan hojjatan ta’u ibsan.

Bulchiinsa naannoo Haarariitti itti gaafatamaa waajiira dhimmota Haqaa kan ta’an Obbo Ahmad Yusuuf VOAf ibsa kennaniin, “qaama nageenyaa jabaa ijaaruuf karoora qabna” jedhan.

“Lafti Haararii keenya” jechuun mana namootaa dhunfaa hanga diiguu akkasumas furtuu manaa kutanii hanga seenuu ka gahe - yakki irra deddebi’ee naannoo sana keessatti hojjatamu akka jiru tu dubbatama. Jiraattonni heddunis qaama naga-eegumsaa irratti akka amantaa hin qabne dubbatu.

Leenjiin amma kennamuuf jiru kun rakkoo akkasii fi kanneen biroo ittisuuf kan gargaaru ta’uu beeksisee jira.

XS
SM
MD
LG